
Magaalaa Finfinneetti waggoota dheeraaf obsaa fi kutannoo addaatiin jaalallee isaanii eeguudhaan kan beekaman Obbo Lammaan "lubbuun isaanii darbeera" jedhamuun har'a miidiyaalee hawaasaa irratti oduun bal'inaan faca'aa ture guutummaatti soba ta'uun ibsame. Obbo Lammaan yeroo ammaa kana fayyaa guutuu fi nageenya gaarii irra kan jiran yoo ta'u, oduun du'a isaanii ilaalchisee tamsaafame hundee kan hin qabnee fi odeeffannoo dogoggoraa ta'uun mirkanaa'eera.
Namoonni dhugaa jiru qulqulleessuu dhiisuun xiyyeeffannoo dhuunfaa argachuuf jecha oduu sobaa akkanaa qindeessanii tamsaasan hawaasa keessatti sodaa fi burjaajii uumaa waan jiraniif, gochi akkanaa fudhatama kan hin qabne ta'uun eerameera. Kanaafuu, ogeeyyiin miidiyaa fi lammiileen odeeffannoo kamiyyuu qooduun dura madda amanamaa irraa mirkaneeffachuu akka qaban hubachiifameera.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
MIIDIYAA @ABDII_SABAA









