DHUGAA HADHAAWAA : Maaliif "Saba Guddaa" Jechuun Afaaniin Qofa Ta'e?
Guyyaa hunda gabaasa keenya hunda xumurree gaafa maxxansinu, dhaadannoo "Saba guddaa waan taaneef, miidiyaa guddaatu nuuf mala!" jedhu barreessina. Har'a garuu miira mufii, aarii fi dadhabbii cimaa keessa taanee dhaadannoo kana madaallii sammuu fi dhugaa lafa jiruun xiinxaluuf dirqamneerra. Sabni tokko lakkoofsa uummataatiin qofa "guddaa" jedhamee waamamuu danda'a; garuu guddina dhugaa fi kabaja kan argatu gaafa dhaabbilee ofii ijaare, gaafa miidiyaa ofii tikfate, fi gaafa nama isaaf dadhabuuf gatii laate qofadha. Afaaniin "nuti saba guddaadha" jechaa, gochaan garuu wanta guddaa of harkaa qaban xiqqeessuu fi diiguun of-gowwoomsuu malee guddina hin ta'u.
Mee dhugaa jiru herregaa fi ragaa qabatamaadhaan haa ilaallu. Miidiyaan Abdii Sabaa chaanaalii Afaan Oromoo sadarkaa 1ffaa irra jiru qofa miti; chaanaalota Telegiraamaa guutuu Itoophiyaa keessatti afaan kamiinuu hojjetan kumaatamaan lakkaa'aman keessaa sadarkaa 2ffaa irra kan jiruudha. Afaan Oromootiin hojjechaa guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa ta'uun maal jechuudha? Humna, dandeettii ogummaa, saffisa oduu, xiinxala bilchaataa fi hirriba dhabuu waggoota hedduu gaafate. Osoo nuti beekumsaa fi humna hanga kana ga'u kana gaafa jalqabaa Afaan Amaaraatiin hojjennee turree, silaa waggaa lama dura hordoftoota Miiliyoona 1 (1,000,000) darbinee, har'a miiliyoona lama geenyee jirra. Osoo afaan biraa filanneerra ta'ee, dhaabbileen daldalaa fi baankonni biyya kanaa hiriiranii maallaqa miiliyoonaan lakkaa'amu nuuf kaffalu turan.
Nuti garuu maallaqa salphaatti argamuu fi karaa laafaa sana dhiisnee, aarsaa guddaa kaffaluuf murteessine. Sabni keenya odeeffannoo qulqulluu fi saffisaa afaan dhalootaa isaatiin akka argatu, barattoonni yuunivarsiitii keessatti bishaanii fi nyaata dhabanii rakkatan sagalee akka argatan, akkasumas Afaan Oromoo sadarkaa teeknooloojii fi miidiyaa biyyaatti dorgomaa akka ta'uuf jecha dantaa dhuunfaa keenya aarsaa goone. Garuu aarsaa kana hunda kaffallee, miidiyaa Afaan Oromoo guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa irra kaa'ee, mindaan ykn gatiin nuti hawaasa keenyaa fi abbootii qabeenyaa keenya irraa argachaa jirru maali? Deebiin isaa kan nama qaanessuu fi kan garaa nama gubudha.
Gama diinagdeetiin yoo ilaalle, miidiyaan kamiyyuu qilleensa nyaatee hin jiraatu. Addunyaa kana irratti miidiyaan kan jiraatuu fi kan guddatu galii beeksisa (advertisement) irraa argamuuni. Haa ta'u malee, abbootiin qabeenyaa, dhaabbileen daldalaa, fi kaampaanonni Oromoo maallaqa uummata Oromoo irraa walitti qabatu; gaafa beeksisa baafachuu barbaadan garuu chaanaalota Afaan Amaaraa kanneen hordoftoota kuma shantama ykn dhibba tokko qaban, kanneen sadarkaa keenya irraa kumaatamaan gadi jiranitti fiiganii maallaqa kumoota dhibbaan lakkaa'amu dhangalaasu. Miidiyaa Afaan Oromoo isa guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa irra jiru, kan hordoftoota 600,000 qabu kana garuu akka waan inni hin jirreetti bira darbu. Sabni biraa miidiyaa afaan isaa beeksisaan сореessee (badhaasee) guddisa; kan keenya garuu miidiyaa afaan isaa beelaan ajjeesee kan ormaa soora, waliin dalaguuf namoota miidiyaan keenya gaafatullee "Koominitiin Afaan Oromoo bu'aa hin qabu" nuun jedhu:. Lojikiin (madaalliin) sammuu kun eessaa dhufe?
Dhimmi beeksisaa fi abbootii qabeenyaa akkuma jirutti ta'ee, wanti hunda caalaa sammuu namaa cabsuu fi abdii nama kutachiisu amala hordoftoota keenya irratti mul'atudha. Chaanaalii guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa irra jiru kana hordoftoota 500,000 irraa gara 600,000tti ceesisuuf qofa waggaa sadii ol nutti fudhate. Waggaa sadii guutuu halkanii fi guyyaa osoo boqonnaa hin fudhatin hojjechaa, maaliif lakkoofsi keenya iddoo tokkotti hidhamee taa'e? Sababiin isaas, yeroo nuti dadhabnee lakkoofsa guddaa tokko (milestone) geenyu, akkuma waan guddinni keenya madaa itti ta'eetti duulli "chaanaalii keessaa ba'uu" (leave gochuu) ni jalqaba. Gaafa 500,000, 400,000, 300,000 geenye, akkasuma nu godhan. Amma immoo torbee tokko dura 600,000 guunnee turre. Namooti tokko tokko keessaan baga gammaddan jechaa turtan, gariin keessan ammoo maxxansaa gammachuu maxxansaa jechaa turtan, nuti garuu wanta dhufu beekna turre. Torbee kana guutuu, akkuma waan morkiin ykn wal-dorgommiin "Miidiyaa Abdii Sabaa 600K gadi deebisuu" jiruutti, yeroo namni tokko seenu namoonni lama keessaa ba'aa, lakkoofsi chaanaalichaa 500,00 irratti rarra'ee akka taa'u taasifamaa jira.
Mee sammuu nagaa fi madaallii dhugaatiin of haa gaafannu: Namni tokko chaanaalii afaan dhalootaa isaatiin tola, kaffaltii saantima tokko malee, sa'aatii 24 odeeffannoo biyya keessaa fi idil-addunyaa qulqullinaan dhiyeessuuf keessaa maaliif ba'a? Chaanaalii tokko keessa turuun maallaqa hin baasisu, kiisii namaa hin hir'isu. Garuu gaafa chaanaalichi 600,000 guutu eeganii keessaa ba'uun, lakkoofsa sana gadi fiigsisuun hiikni isaa tokko qofa: Innis dhukkuba hinaaffaa, ilaalcha "kan keenya maaliif guddata?" jedhuu fi sammuu guddina walii hin jaallanne qabaachuudha. Saboonni biroo gaafa miidiyaan isaanii lakkoofsa guddaa tokko itti argan, walii galanii, walirratti duulanii guyyaa tokko keessatti miiliyoonatti ceesisu. Keenya keessatti garuu, warra ijaaru irra warra diigutu, warra ol kaasu irra warra gadi harkisutu dammaqinaan hojjeta. Kun madaallii kamiinuu fudhatama hin qabu; kun ofumaan of xureessuu fi of dadhabsiisuudha.
Namoonni hedduun oduu fi xiinxalli bilbila isaanii irratti daqiiqaa daqiiqaadhaan dhufu kun akkuma waan rooba samii irraa roobuutti salphaa itti fakkaata. Garuu duuba Miidiyaa Abdii Sabaa dargaggoota dandeettii fi ogummaa olaanaa qaban, kanneen hirriba dhabanii, maatii fi jireenya dhuunfaa isaanii dhiisanii, madda oduu afaanota adda addaa irraa qulqulleessanii, iyyannaa barattootaa fi rakkina hawaasaa dhageessisuuf gubataa oolantu jira. Hojiin kun hundi kan hojjetamu osoo dhaabbileen Oromoo beeksisa nuuf hin kennin, osoo gargaarsi maallaqaa eessayyuu hin jiraatin, jaalala sabaaf qabnu qofaani. Egaa, erga abbootiin qabeenyaa beeksisa nu dhowwatanii, hordoftoonni tokko tokko immoo galata nuuf galchuu mannaa lakkoofsa keenya gadi cabsuuf wal-dorgomanii, nuti hamilee kamiin hojjenna? Namni dadhabbata isaatiif kabaja dhabee, komii fi duubatti harkifamuu qofa argatu akkamiin osoo abdii hin kutatin itti fufuu danda'a?
Dhugaa tokko ifatti isiniif kaa'uu barbaanna. Osoo gareen Miidiyaa Abdii Sabaa har'a mufatee hojii kana dhaabee, hooggantooti miidiyichaa hojjettootaaf kafaluu dhaabanii ykn gara afaan biraatti jijjiirratee hojjetee, akka namoota dhuunfaatti nuti homaa hin dhabnu; beekumsaa fi muuxannoo keenyaan iddoo biraatti hojjechuu dandeenya. Garuu gaafa Abdii Sabaan laafu ykn cufamu, kan miidhamu eenyu? Kan miidhamu uummata Oromoo kan miidiyaa guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa irra jiru dhabuudha. Boru gaafa rakkoon tokko uumamu, gaafa barattoonni keenya yuunivarsiitii keessatti miidhaman, gaafa dhugaan saba keenyaa awwaalamu, miidiyaa ormaa kan dhimma keessaniif hin dhiphanne kadhachuuf dirqamtu. Miidiyaa guddaa of harkaa qaban har'a tuffatanii fi beelessanii, boru "sagalee dhabne" jedhanii boo'uun gowwummaa seenaan dhiifama hin gooneefidha.
Kanaafuu, ergaan kun warra miidiyaa kana keessaa ba'uun 600K gadi nu deebisuu barbaadaniif osoo hin taane, hordoftoota keenya kuma dhibba ja'a (600,000) warra dhugumaan dadhabbiin keenya isiniif galuu fi afaan keessan jaallattaniif dhiyaate. Har'a madaalliin sammuu keessanii qoramaa jira. Yoo dhugumaan Miidiyaan Abdii Sabaa jiraachuu fi guddachuu qaba jettanii amantan, yoo dhugumaan warra diigu irra warra ijaarutu caala jettan, har'a gochaan nu agarsiisaa (nuuf mirkaneessaa). Barreeffama kana dubbistanii callistanii bira hin darbinaa! Tokkoon tokkoon keessan hiriyoota keessan affeeruun, liinkii chaanaalii kanaa gareewwan (groups) fi miidiyaa hawaasaa hunda irratti qooduun (Share gochuun), lakkoofsa 500,000 irra rarra'ee jiru kana cabsaatii 600,000 olitti fageessaa!