ABDII SABAA Telegram channel photo

ABDII SABAA

@abdii_sabaaPublic Channel

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! @Abdii_Sabaa 💬Contact Us💬 @AbdiiSabaaDm 🎯BARNOOTAAF @abdii_sabaa_university 🎯MARIIF @Garee_Abdii_Sabaa

17.4k

Last views

600.2k (600,233 subscribers)
Üyeler
—
Rating
81
Total Posts
Oct 13, 2026, 4:11 AM
Güncellendi
Mar 29, 2026
Created
Stats

Türkçe içerik görüyorsunuz. Diğer dillerdeki içeriği görmek için site dilini değiştirin.

Channel Information

Channel Information
Channel NameABDII SABAA
Username@abdii_sabaa
CategoryDesi İçerikleri
LanguageTürkçe
CountryTürkiye
Üyeler600,233
Channel TypePublic Channel
Created29 Mar 2026
Last Updated13 Eki 2026 • 10 gün önce
StatusActive

Sıralama

Küresel Sıralama
#70534+178
Dil Sıralaması
#749+5
Kategori Sıralaması
#3111+1

Üye Büyümesi

Toplam: 600.2K30 Days growth: +4.7K0.8%
09/1309/1809/2309/2810/0310/0810/12
Üye Büyümesi - 30 Days
DateSubscribers
13:09:2026595,526
14:09:2026595,526
15:09:2026596,160
16:09:2026596,160
17:09:2026596,160
18:09:2026596,160
19:09:2026596,160
20:09:2026596,160
21:09:2026596,160
22:09:2026596,160
23:09:2026596,160
24:09:2026596,160
25:09:2026598,381
26:09:2026598,381
27:09:2026598,381
28:09:2026598,381
29:09:2026598,381
30:09:2026598,381
01:10:2026598,381
02:10:2026598,381
03:10:2026598,381
04:10:2026598,381
05:10:2026598,381
06:10:2026598,381
07:10:2026598,381
08:10:2026598,381
09:10:2026598,381
10:10:2026598,381
11:10:2026598,381
12:10:2026600,233
Üye Büyümesi - Weekly
DateSubscribers
Week of 30:03:2026561,876
Week of 06:04:2026561,132
Week of 13:04:2026559,937
Week of 20:04:2026558,022
Week of 27:04:2026558,022
Week of 04:05:2026558,022
Week of 11:05:2026553,733
Week of 18:05:2026553,733
Week of 25:05:2026548,536
Week of 01:06:2026547,346
Week of 08:06:2026545,922
Week of 15:06:2026545,922
Week of 22:06:2026547,926
Week of 29:06:2026547,926
Week of 06:07:2026547,926
Week of 13:07:2026550,940
Week of 20:07:2026565,844
Week of 27:07:2026572,022
Week of 03:08:2026572,022
Week of 10:08:2026572,022
Week of 17:08:2026577,177
Week of 24:08:2026594,449
Week of 31:08:2026595,526
Week of 07:09:2026595,526
Week of 14:09:2026596,160
Week of 21:09:2026598,381
Week of 28:09:2026598,381
Week of 05:10:2026598,381
Week of 12:10:2026600,233
Üye Büyümesi - Monthly
DateSubscribers
March 2026562,318
April 2026558,022
May 2026548,536
June 2026547,926
July 2026565,844
August 2026594,449
September 2026598,381
October 2026600,233
Üye Büyümesi - Yearly
DateSubscribers
2026600,233

Son Yazılar

ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

22 Eki 2026 21:38

Godina kibba baha oromiyaa
Aanaa Asakoo Ganda Ribuutti maaltu mudate?
17,40000309
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

22 Eki 2026 13:35

⚽️ Ispoortii akka isin feetanitti! 🔥

🔴Dhangaa Ispoortii kanaan dura Afaan Oromootiin dharraatanii dhabdan,Odeffannoowwan Ispoortii biyya alaafi keessa,viidiyoo gooliiwwanii battalumatti, liinkii tapha kallattii (Live) ittin dawwattan , fi oduu jijjiirraa taphattootaa sekondii tokko osoo hin turin Miidiyaan Abdii Sabaa furmaata isiniif fideera! 📝

⚽️ Link gadii tuquun Abdii Sabaa Ispoortii join gochuun hordofaa.

Ispoortii Dhandama addaan
👇
https://t.me/+7P24H-U3sWdlNzJk
https://t.me/+7P24H-U3sWdlNzJk

Telegram

Abdii Sabaa Ispoortii

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!@Abdii_Sabaa

VIEW CHANNEL
32,50000186
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

22 Eki 2026 12:02

Photo1/2
Dv’n hafeera Ameerikaa. lootarii DV waggaa waggaadhaan gaggeeffamu addaan kutte Pirezidaantii Doonaald Tiraamp torban darbe Yunivarsiitii Biraawun keessatti dhukaasa jumlaa raawwatameen namoota lama ajjeefamuu hordofuun Lootorii Kaardii Magariisaa Ameerikaa…
33,80000316
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

22 Eki 2026 12:01

Photo1/2
#Beeksisa

🏢 TEMER PROPERTIES – Handhuura Maganaanyaatti Abbaa Manaa Ta'aa! 🎉

Appaartaamaa ammayyaa Piroojektii Diyaaspooraa Maganaanyaa keessaa kanneen muraasa hafaniif hir'ifamni gatii addaa hanga 35% (Qarshii Miiliyoona 4.5 ol kan isiniif qusatu) dhiyaateera!

✨ Carraa Kaffaltii Addaa fi Mijataa:
✅ Kaffaltii duraa 20% qofaan jalqabuu dandeessu!
✅ Kaffaltii duraa 40% yoo kaffaltan hir'ifama gatii 10% argattu!
✅ Maallaqa hafe (60%) immoo ERGA FURTUU MANICHAA HARKATTI FUDHATTANII BOODA waggaa 3 keessatti suuta kaffaltu!
✅ Yookiin ammoo yeroo tokkotti (100%) kaffaluun hir'ifama guddaa 35% argadhaa!

━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🏠 1. Appaartaamaa Abbaa Ciisicha 1 (60 Ka.M)
• Gatii Waliigalaa: Qarshii 6,900,000
🔹 Kaffaltii Duraa 20%: Qarshii 1,380,000 qofa!
🔹 Kaffaltii Duraa 40%: Qarshii 2,760,000
🔥 Gatii Kaffaltii Guutuu (Hir'ifama 35%): Qarshii 4,485,000 qofa!

🏠 2. Appaartaamaa Abbaa Ciisicha 2 (90 Ka.M)
• Gatii Waliigalaa: Qarshii 10,350,000
🔹 Kaffaltii Duraa 20%: Qarshii 2,070,000
🔹 Kaffaltii Duraa 40%: Qarshii 4,140,000
🔥 Gatii Kaffaltii Guutuu (Hir'ifama 35%): Qarshii 6,727,500 qofa!

🏠 3. Appaartaamaa Abbaa Ciisicha 3 (112 – 146 Ka.M)
(Gatii 112 Ka.M):
• Gatii Waliigalaa: Qarshii 12,880,000
🔹 Kaffaltii Duraa 20%: Qarshii 2,576,000
🔹 Kaffaltii Duraa 40%: Qarshii 5,152,000
🔥 Gatii Kaffaltii Guutuu (Hir'ifama 35%): Qarshii 8,372,000 qofa!
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━

⚠️ Manneen hir'ifama kanaan dhiyaatan muraasa waan ta'aniif, carraa kana osoo hin darbin ammuma bilbiluun qabadhaa!

📞 Odeeffannoo dabalataa fi daawwannaaf:
☎️ +251952002381
29,30000104
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

21 Eki 2026 23:43

Photo1/14
Dhimmi Moyyaalee dhimma Oromoo maraati

Finfinnee, Onkoloolessa 21, 2026: Miidiyaa Abdii Sabaa:

Ajjeechaa shamarree waggaa 13, kan maqaan ishee Diqqoo Jaatanii jedhamtuu akkasumas walitti bu’iinsa daangaa fi alaabaa wajjin walqabatee magaalaa Moyyaalee keessatti uumame hordofuun, hiriirri hawaasaa dhimma bulchiinsaa fi daangaa magaalaa kanaa irratti cimee geggeeffamaa jira.

Jiraattonni Miidiyaa Abdii Sabaatti himan akka jedhanitti, Onkoloolessa 18 waajjirri bulchiinsaa Naannoo Somaalee haaraa, magaalaa Moyyaalee keessatti banamuu fi alaabaan naannichaa ol kaafamuun walitti bu’iinsa humnoota nageenyaa naannichaa fi milishaa Oromiyaa gidduutti kan uumame ta'uun mirkanaa'eera. Taatee kanaan shamarreen waggaa 13 Diqqoon ajjeefamuu fi mormiin hawwaasaa tajaajila geejjibaa addaan akka citu taasisuu jiraattonni himaniiru.

Namoonni yaada isaanii miidiyaa hawaasaa irratti qoodan hedduun, “Dhimmi Moyyaalee dhimma Booranaa qofa osoo hin taane, dhimma Oromoo maraati” jechuun, mootummaan dhimma daangaa kanaaf xiyyeeffannoo kennuun furmaata waaraa akka kennu gaafachaa jiru.

Yaada Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa duraanii Dokteer Lammaa Magarsaa (Dokteera Kabajaa) wajjin walqabatee dhiyaateenis, “Oromiyaan balbala Addunyaatti ishee baasu qabaachuu qabdi” jedhuun, dhimma Moyyaalee irratti ejjennoo cimaa qabaachuun barbaachisaa ta’uu hawwaasni yaadachiisaniiru.

Dhimma kana irratti Booranatti hawwaasni duula hiriira mormii jabaa itti fufanii jiraachuunis gabaafamaa jira. Hirmaattonni hiriiraa dhimma Moyyaalee irratti sagalee isaanii dhageessisaa, rakkoo daangaa kanaaf furmaata waaraa akka barbaadamu gaafachaa jiru.

Jiraataan tokko akka yaada isaa miidiyaa irratti qoodetti, “Marraa tana hanga seeraan magaalaan Moyyaalee teenya taatutti; Alaabaan naannoo Somaalee gadi bu’u isaa qofaan deebinee rafuun hin barbaachisu! Dhimmi Moyyaalee dhimma Oromoota hundaati!” jechuun yaadni miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa jiru, dhimma kana irratti xiyyeeffannoo itti fufiinsa qabu akka barbaachisu ibsa.

Dhimma Moyyaalee ilaalchisee, yaadota hawaasa irraa qoodaman keessatti rakkoon daangaa Oromiyaa fi Naannoo Somaalee waggoota dheeraaf jiraattota naannichaa irratti dhiibbaa geessisaa turuu fi rakkoon kun furmaata waaraa argachuu dhabuu isaa irratti yaaddoo qabaachuun ibsamaa jira.

Keessattuu, hawaasni Booranaa rakkoolee daangaa, nageenyaa fi qabeenya isaanii irratti dhiibbaa geessisan ilaalchisee mootummaan naannoo fi federaalaa xiyyeeffannoo akka kennu gaafachaa jira. Yaadonni hawaasa irraa dhiyaatan, rakkoon daangaa karaa seeraa fi marii nagaa furamuu, akkasumas nageenyi jiraattotaa mirkanaa’uu akka qabu irratti xiyyeeffatu.

Magaalaan Moyyaalee daangaa Oromiyaa fi Naannoo Somaalee irratti argamtu ta’uun ishee, dhimma bulchiinsaa fi nageenyaa irratti xiyyeeffannoo addaa barbaachisa. Kanaaf, taateewwan yeroo ammaa uumaman ilaalchisee dhugaa jiru qorachuun, qaamolee dhimmi ilaallatu irraa ibsa argachuun, akkasumas murtiiwwan bulchiinsaa fi daangaa irratti iftoomina uumun barbaachisaa ta'uu ni mirkana'a.

Ajjeechaa shamarree umurii 13 irrattis dhugaa jiru ifa gochuun, itti gaafatamummaa seeraa mirkaneessuu fi rakkoo daangaa kanaaf furmaata waaraa barbaaduun barbaachisaa ta’uu yaadni hawaasa irraa arganne ni mul’isa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA @ABDII_SABAA
42,20000757
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

21 Eki 2026 16:52

Photo1/6
Gatiin bunaa Oromiyaa Lixaa keessatti gadi bu’uun qonnaan bultoota yaaddesse

Finfinnee, Onkoloolessa 21, 2026 (Miidiyaa Abdii Sabaa);

Gatiin buna gogaa hin daakaminii kiiloon tokko Oromiyaa Lixaa keessatti Birrii 300 hanga 350'tti gadi bu’uun isaa qonnaan bultoota yaaddessuu jiraattonni naannichaa Miidiyaa Abdii Sabaaf ibsaniiru.

Jiraattonni aanaalee oomishni bunaa bal’inaan keessatti oomishamu, keessumaa Aanaa Laaloo Assaabii, Aanaa Gullisoo fi Aanaa Ganjiif naannolee biroo keessatti argaman kan miidiyaan keenya dubbise, gatiin bunaa bara kanaa kan bara darbee waliin yeroo wal bira qabamee ilaalamu baay’ee gadi bu’aa ta'uu isaa komatu.

Akka jiraattonni kunneen jedhanitti, rakkoon kun aanaalee oomishni bunaa keessatti gaggeeffamu hedduu keessatti mul’achaa jira. Qonnaan bultoonni oomisha isaanii gatii madaalawaa ta’een gurguratanii bu’aa irraa argachuu dhabuu isaaniitiin miidhaa hamaaf saaxilamaa jiraachuu ibsaniiru.

Jiraattonni kunneen akka jedhanitti, daldaltoonni buna qonnaan bultoota irraa bitan, maallaqa buna kanaan dura bitanii gara gabaa biraatti ergan irraa deebifachuu dhabuu isaanii sababeeffachuun, gatii baay’ee gadi buusuu isaanii himu.

Kanaaf, qonnaan bultoonni sababii kanaan buna isaanii gatii gadi bu’aan gurguruuf dirqamaa jiraachuu fi oomisha isaanii irraa bu’aa barbaachisaa argachuu dhabuu fi jireenyi hawaasa naannoo kanneenii irra caalaan oomisha bunaa irratti kan hirkate waan ta’eef rakkoon dinagdee uumamuu fi humni bittaa hir’achuun dinagdeen naannichaa oomisha kanaan miidhamuu akkasumas, uummanni madda galii isaa keessaa isa ijoo ta’e buna irratti hundaa’uun, galii dabalataa argachuuf carraa dhabuuf saaxilamee, qaala’insi jireenyaa yeroo ammaa dabalaa jiru rakkoo dinagdee guddaa keessatti hawaasicha caalaatti kuffisuu jiraattonni kunneen ibsaniiru.

Jiraattonni Abdii Sabaaf yaada isaanii kennan naannoo keenya kan qofatti utuu hjn taane naannowwan oomishni bunaa itti geggeeffamu hedduuti gatiin bunaa yeroo ammaa mul’achaa jiru kan waggoota darbaniin yeroo wal bira qabamee ilaalamu xiqqaa fi haala kanaan gadi bu’ee akka hin beekne ibsanii, rakkoo kanaaf furmaata akka barbaadamu gaafachaa jiru. Kanaafuu, jiraattonni kunneen qaamoleen mootummaa fi dhimmi isaa ilaallatu marti rakkoo kanaaf furmaata akka kennan gaafatu.

Tattaaffii Miidiyaan Abdii Sabaa qaamolee mootummaa irraa odeeffannoo dabalataa argachuuf taasise hin milkoofne. Akka qaama dhimmi isaa ilaallatu irraa deebii ga’aa arganneen isin biraan ni geenya.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF,
MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA @ABDII_SABAA
51,90000623
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

20 Eki 2026 19:29

Video
DHUGAA HADHAAWAA : Maaliif "Saba Guddaa" Jechuun Afaaniin Qofa Ta'e? Guyyaa hunda gabaasa keenya hunda xumurree gaafa maxxansinu, dhaadannoo "Saba guddaa waan taaneef, miidiyaa guddaatu nuuf mala!" jedhu barreessina. Har'a garuu miira mufii, aarii fi dadhabbii…
61,30000998
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

18 Eki 2026 12:34

Abbootiin qabeenyaa fi dhaabbileen daldalaa Oromoos, miidiyaa saba keessanii isa guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa irra jiru kana beeksisa keessaniin cinaa dhaabbachuun dirqama seenaa fi ogummaa ba'aa. Hamileen keenya deebi'ee kan ijaaramu afaaniin "jajjabaadhaa" nuun jechuun osoo hin taane, gaafa isin miidiyaa keessan kanaaf waardiyyaa dhaabbattanii gara Miiliyoonotaatti ol kaastan qofadha!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA @ABDII_SABAA
86,400002,066
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

18 Eki 2026 12:34

DHUGAA HADHAAWAA : Maaliif "Saba Guddaa" Jechuun Afaaniin Qofa Ta'e?

Guyyaa hunda gabaasa keenya hunda xumurree gaafa maxxansinu, dhaadannoo "Saba guddaa waan taaneef, miidiyaa guddaatu nuuf mala!" jedhu barreessina. Har'a garuu miira mufii, aarii fi dadhabbii cimaa keessa taanee dhaadannoo kana madaallii sammuu fi dhugaa lafa jiruun xiinxaluuf dirqamneerra. Sabni tokko lakkoofsa uummataatiin qofa "guddaa" jedhamee waamamuu danda'a; garuu guddina dhugaa fi kabaja kan argatu gaafa dhaabbilee ofii ijaare, gaafa miidiyaa ofii tikfate, fi gaafa nama isaaf dadhabuuf gatii laate qofadha. Afaaniin "nuti saba guddaadha" jechaa, gochaan garuu wanta guddaa of harkaa qaban xiqqeessuu fi diiguun of-gowwoomsuu malee guddina hin ta'u.

Mee dhugaa jiru herregaa fi ragaa qabatamaadhaan haa ilaallu. Miidiyaan Abdii Sabaa chaanaalii Afaan Oromoo sadarkaa 1ffaa irra jiru qofa miti; chaanaalota Telegiraamaa guutuu Itoophiyaa keessatti afaan kamiinuu hojjetan kumaatamaan lakkaa'aman keessaa sadarkaa 2ffaa irra kan jiruudha. Afaan Oromootiin hojjechaa guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa ta'uun maal jechuudha? Humna, dandeettii ogummaa, saffisa oduu, xiinxala bilchaataa fi hirriba dhabuu waggoota hedduu gaafate. Osoo nuti beekumsaa fi humna hanga kana ga'u kana gaafa jalqabaa Afaan Amaaraatiin hojjennee turree, silaa waggaa lama dura hordoftoota Miiliyoona 1 (1,000,000) darbinee, har'a miiliyoona lama geenyee jirra. Osoo afaan biraa filanneerra ta'ee, dhaabbileen daldalaa fi baankonni biyya kanaa hiriiranii maallaqa miiliyoonaan lakkaa'amu nuuf kaffalu turan.

Nuti garuu maallaqa salphaatti argamuu fi karaa laafaa sana dhiisnee, aarsaa guddaa kaffaluuf murteessine. Sabni keenya odeeffannoo qulqulluu fi saffisaa afaan dhalootaa isaatiin akka argatu, barattoonni yuunivarsiitii keessatti bishaanii fi nyaata dhabanii rakkatan sagalee akka argatan, akkasumas Afaan Oromoo sadarkaa teeknooloojii fi miidiyaa biyyaatti dorgomaa akka ta'uuf jecha dantaa dhuunfaa keenya aarsaa goone. Garuu aarsaa kana hunda kaffallee, miidiyaa Afaan Oromoo guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa irra kaa'ee, mindaan ykn gatiin nuti hawaasa keenyaa fi abbootii qabeenyaa keenya irraa argachaa jirru maali? Deebiin isaa kan nama qaanessuu fi kan garaa nama gubudha.

Gama diinagdeetiin yoo ilaalle, miidiyaan kamiyyuu qilleensa nyaatee hin jiraatu. Addunyaa kana irratti miidiyaan kan jiraatuu fi kan guddatu galii beeksisa (advertisement) irraa argamuuni. Haa ta'u malee, abbootiin qabeenyaa, dhaabbileen daldalaa, fi kaampaanonni Oromoo maallaqa uummata Oromoo irraa walitti qabatu; gaafa beeksisa baafachuu barbaadan garuu chaanaalota Afaan Amaaraa kanneen hordoftoota kuma shantama ykn dhibba tokko qaban, kanneen sadarkaa keenya irraa kumaatamaan gadi jiranitti fiiganii maallaqa kumoota dhibbaan lakkaa'amu dhangalaasu. Miidiyaa Afaan Oromoo isa guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa irra jiru, kan hordoftoota 600,000 qabu kana garuu akka waan inni hin jirreetti bira darbu. Sabni biraa miidiyaa afaan isaa beeksisaan сореessee (badhaasee) guddisa; kan keenya garuu miidiyaa afaan isaa beelaan ajjeesee kan ormaa soora, waliin dalaguuf namoota miidiyaan keenya gaafatullee "Koominitiin Afaan Oromoo bu'aa hin qabu" nuun jedhu:. Lojikiin (madaalliin) sammuu kun eessaa dhufe?

Dhimmi beeksisaa fi abbootii qabeenyaa akkuma jirutti ta'ee, wanti hunda caalaa sammuu namaa cabsuu fi abdii nama kutachiisu amala hordoftoota keenya irratti mul'atudha. Chaanaalii guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa irra jiru kana hordoftoota 500,000 irraa gara 600,000tti ceesisuuf qofa waggaa sadii ol nutti fudhate. Waggaa sadii guutuu halkanii fi guyyaa osoo boqonnaa hin fudhatin hojjechaa, maaliif lakkoofsi keenya iddoo tokkotti hidhamee taa'e? Sababiin isaas, yeroo nuti dadhabnee lakkoofsa guddaa tokko (milestone) geenyu, akkuma waan guddinni keenya madaa itti ta'eetti duulli "chaanaalii keessaa ba'uu" (leave gochuu) ni jalqaba. Gaafa 500,000, 400,000, 300,000 geenye, akkasuma nu godhan. Amma immoo torbee tokko dura 600,000 guunnee turre. Namooti tokko tokko keessaan baga gammaddan jechaa turtan, gariin keessan ammoo maxxansaa gammachuu maxxansaa jechaa turtan, nuti garuu wanta dhufu beekna turre. Torbee kana guutuu, akkuma waan morkiin ykn wal-dorgommiin "Miidiyaa Abdii Sabaa 600K gadi deebisuu" jiruutti, yeroo namni tokko seenu namoonni lama keessaa ba'aa, lakkoofsi chaanaalichaa 500,00 irratti rarra'ee akka taa'u taasifamaa jira.

Mee sammuu nagaa fi madaallii dhugaatiin of haa gaafannu: Namni tokko chaanaalii afaan dhalootaa isaatiin tola, kaffaltii saantima tokko malee, sa'aatii 24 odeeffannoo biyya keessaa fi idil-addunyaa qulqullinaan dhiyeessuuf keessaa maaliif ba'a? Chaanaalii tokko keessa turuun maallaqa hin baasisu, kiisii namaa hin hir'isu. Garuu gaafa chaanaalichi 600,000 guutu eeganii keessaa ba'uun, lakkoofsa sana gadi fiigsisuun hiikni isaa tokko qofa: Innis dhukkuba hinaaffaa, ilaalcha "kan keenya maaliif guddata?" jedhuu fi sammuu guddina walii hin jaallanne qabaachuudha. Saboonni biroo gaafa miidiyaan isaanii lakkoofsa guddaa tokko itti argan, walii galanii, walirratti duulanii guyyaa tokko keessatti miiliyoonatti ceesisu. Keenya keessatti garuu, warra ijaaru irra warra diigutu, warra ol kaasu irra warra gadi harkisutu dammaqinaan hojjeta. Kun madaallii kamiinuu fudhatama hin qabu; kun ofumaan of xureessuu fi of dadhabsiisuudha.

Namoonni hedduun oduu fi xiinxalli bilbila isaanii irratti daqiiqaa daqiiqaadhaan dhufu kun akkuma waan rooba samii irraa roobuutti salphaa itti fakkaata. Garuu duuba Miidiyaa Abdii Sabaa dargaggoota dandeettii fi ogummaa olaanaa qaban, kanneen hirriba dhabanii, maatii fi jireenya dhuunfaa isaanii dhiisanii, madda oduu afaanota adda addaa irraa qulqulleessanii, iyyannaa barattootaa fi rakkina hawaasaa dhageessisuuf gubataa oolantu jira. Hojiin kun hundi kan hojjetamu osoo dhaabbileen Oromoo beeksisa nuuf hin kennin, osoo gargaarsi maallaqaa eessayyuu hin jiraatin, jaalala sabaaf qabnu qofaani. Egaa, erga abbootiin qabeenyaa beeksisa nu dhowwatanii, hordoftoonni tokko tokko immoo galata nuuf galchuu mannaa lakkoofsa keenya gadi cabsuuf wal-dorgomanii, nuti hamilee kamiin hojjenna? Namni dadhabbata isaatiif kabaja dhabee, komii fi duubatti harkifamuu qofa argatu akkamiin osoo abdii hin kutatin itti fufuu danda'a?

Dhugaa tokko ifatti isiniif kaa'uu barbaanna. Osoo gareen Miidiyaa Abdii Sabaa har'a mufatee hojii kana dhaabee, hooggantooti miidiyichaa hojjettootaaf kafaluu dhaabanii ykn gara afaan biraatti jijjiirratee hojjetee, akka namoota dhuunfaatti nuti homaa hin dhabnu; beekumsaa fi muuxannoo keenyaan iddoo biraatti hojjechuu dandeenya. Garuu gaafa Abdii Sabaan laafu ykn cufamu, kan miidhamu eenyu? Kan miidhamu uummata Oromoo kan miidiyaa guutuu Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa irra jiru dhabuudha. Boru gaafa rakkoon tokko uumamu, gaafa barattoonni keenya yuunivarsiitii keessatti miidhaman, gaafa dhugaan saba keenyaa awwaalamu, miidiyaa ormaa kan dhimma keessaniif hin dhiphanne kadhachuuf dirqamtu. Miidiyaa guddaa of harkaa qaban har'a tuffatanii fi beelessanii, boru "sagalee dhabne" jedhanii boo'uun gowwummaa seenaan dhiifama hin gooneefidha.

Kanaafuu, ergaan kun warra miidiyaa kana keessaa ba'uun 600K gadi nu deebisuu barbaadaniif osoo hin taane, hordoftoota keenya kuma dhibba ja'a (600,000) warra dhugumaan dadhabbiin keenya isiniif galuu fi afaan keessan jaallattaniif dhiyaate. Har'a madaalliin sammuu keessanii qoramaa jira. Yoo dhugumaan Miidiyaan Abdii Sabaa jiraachuu fi guddachuu qaba jettanii amantan, yoo dhugumaan warra diigu irra warra ijaarutu caala jettan, har'a gochaan nu agarsiisaa (nuuf mirkaneessaa). Barreeffama kana dubbistanii callistanii bira hin darbinaa! Tokkoon tokkoon keessan hiriyoota keessan affeeruun, liinkii chaanaalii kanaa gareewwan (groups) fi miidiyaa hawaasaa hunda irratti qooduun (Share gochuun), lakkoofsa 500,000 irra rarra'ee jiru kana cabsaatii 600,000 olitti fageessaa!
86,400001,556
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

17 Eki 2026 16:58

Photo
Obbo Lammaan Dhuguma Du’anii: Oduun "Obbo Lammaan Boqotaniiru" Jedhuun Miidiyaa Hawaasaa Irratti Faca'e Soba Ta'uun Mirkanaa'e

Magaalaa Finfinneetti waggoota dheeraaf obsaa fi kutannoo addaatiin jaalallee isaanii eeguudhaan kan beekaman Obbo Lammaan "lubbuun isaanii darbeera" jedhamuun har'a miidiyaalee hawaasaa irratti oduun bal'inaan faca'aa ture guutummaatti soba ta'uun ibsame. Obbo Lammaan yeroo ammaa kana fayyaa guutuu fi nageenya gaarii irra kan jiran yoo ta'u, oduun du'a isaanii ilaalchisee tamsaafame hundee kan hin qabnee fi odeeffannoo dogoggoraa ta'uun mirkanaa'eera.

Namoonni dhugaa jiru qulqulleessuu dhiisuun xiyyeeffannoo dhuunfaa argachuuf jecha oduu sobaa akkanaa qindeessanii tamsaasan hawaasa keessatti sodaa fi burjaajii uumaa waan jiraniif, gochi akkanaa fudhatama kan hin qabne ta'uun eerameera. Kanaafuu, ogeeyyiin miidiyaa fi lammiileen odeeffannoo kamiyyuu qooduun dura madda amanamaa irraa mirkaneeffachuu akka qaban hubachiifameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA @ABDII_SABAA
38,70000616
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

17 Eki 2026 14:28

Video
Itoophiyaa fi Eertiraan Mooskootti Marii Araaraa Gaggeessuuf Jedhame; Raashiyaan Waltajjii Mijeessuuf Qophii Ta'uu Beeksiste Mootummaan Raashiyaa muddamaa fi walitti bu'iinsa biyyoota ollaa lamaan, Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti uumameef furmaata waloo…
41,50000252
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

17 Eki 2026 11:43

Photo
ODUU AMMEE: Naannoo Tigraayitti Bulchiinsi Imaanaa Mootummaa Federaalaa Hundeeffamuun Hooggantoonni Haaraan Muudaman Murtee Manni Maree Federeeshinii dabarse bu'uura godhachuun, Mootummaan Federaalaa ji'oota ja'an (6) itti aananiif naannoo Tigraay kan bulchu…
43,90000381
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

16 Eki 2026 20:21

Video
Iiloon Maask Konkolaataa Elektirikii Qilleensa Irra Balali'uu Danda'u Ifa Taasisan

Hoji-raawwachiisaan Olaanaa dhaabbata Teeslaa (Tesla) Iiloon Maask, giddugala yaalii 'SpaceX' kan kutaa Teeksaasitti argamu keessatti konkolaataa elektirikii haaraa "qilleensa irra balali'uu danda'a" jedhan ifoomsaniiru. Konkolaataan ispoortii namoota lama fe'uu fi 'Teeslaa Roodistar' jedhamee moggaafame kun, tumsa dhaabbata konkolaataa elektirikii Teeslaa fi teeknooloojii rokkeettii 'SpaceX'tiin kan hojjetame yoo ta'u, humna furguggisaa gosa rokkeettiitiin kan deeggaramu ta'uu Iiloon Maask ibsaniiru. Konkolaataan dinqisiisaan kun sekondii tokko gadi (sekondii 0.8) keessatti saffisa isaa sa'aatiitti kiiloo meetira 0 irraa gara 97'tti guddisuu kan danda'udha.

Konkolaataan kun teeknooloojii dhiibbaa qilleensaa olaanaa fi qilleensa cuunfamee ba'u fayyadamuudhaan qaama isaa gara gadiitti garagalchuun imaluu, iddoo olka'aa irraa utaalee qilleensa irra turuu, lafa irraa ol ka'ee qilleensa irratti rarra'uu (bololi'uu), akkasumas qilleensa irratti naanna'uu, garagaluu fi kallattii isaa jijjiiruu dandeettii dandeessisu qaba jedhameera. Yeroo yaaliin kun gaggeeffametti sodaa balaa uumamuu danda'u hir'isuu fi nageenya namootaa eeguuf jecha, yaaliin kun guutummaatti konkolaachisaa malee kan raawwatame ta'uun beekameera. Konkolaataan kun bara 2028 (A.L.A)tti gara oomishaatti akka galu Iiloon Maask kan eeran yoo ta'u, ogeeyyiin damee kanaa garuu teeknooloojii rokkeettii fi konkolaataa walitti makuun fageenya dheeraaf qilleensa irra balaliisisuun qabatamaan qormaata teeknikaa cimaa akka qabaatu akeekaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA @ABDII_SABAA
53,90000440
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

16 Eki 2026 14:09

Photo
Ameerikaan Itoophiyaa Deeggartee? Muummeen Ministiraa FDRI Dr. Abiy Ahimad Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo waliin dhimmoota gam-lamee, naannawaa fi idil-addunyaa xiyyeeffannoo waloo barbaadan irratti marii bilbilaa bu'a-qabeessa taasisuu…
55,20000373
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

15 Eki 2026 15:47

Photo
Muudamni Miseensota Kaabinee Haaraa Sagalee Guutuun Ragga'e Muummeen Ministiraa FDRI Dr. Abiy Ahimad tarree kaadhimamtoota miseensota kaabinee (Ministirootaa) haaraa har'a Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif dhiyeessan, mana marichaan sagalee guutuudhaan…
62,50000836
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

15 Eki 2026 00:00

Photo
Haleellaa Diroonii Cimaa. Humnoonni waraanaa Eertiraa daangaa Itoophiyaa cabsuun seenanii, hidhattoota TPLF waliin qindoomuun Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Humna Nageenyaa Tigraay waraanuuf yeroo hanga magaalaa Idagaa Hamusitti dhufanii turanitti, haleellaan diroonii…
63,70000739
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

14 Eki 2026 18:55

Video
Tasgabbii Waraanaa Naannoo Tigraay Hordofuun Yuunivarsiitiiwwan Maqalee fi Aksuum Hojiitti Deebi'uun Barattootaaf Waamicha Taasisan Muddamaa fi lola naannoo Tigraay keessa tureen addaan citee kan ture adeemsi baruu fi barsiisuu, erga Raayyaan Ittisa Biyyaa…
59,40000685
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

14 Eki 2026 18:54

Photo
Viidiyoo Ediitingii (Video Editing) Bilbila Harkaa Qofaan Baradhaa!

Viidiyoowwan qulqullina olaanaa qaban bilbila harkaa keessan qofaan akkamitti akka 'edit' gootan barachuu ni barbaadduu?

Carraa gaarii dhiyaate kana fayyadamaa! Dandeettii kana horachuuf ulaagaan barbaadamu bilbila harkaa (Smartphone) qabaachuu qofa yoo ta'u, kaffaltii baay'ee xiqqaa ta'e, qarshii 199 qofaan barnoota kana guutummaatti argachuu ni dandeessu. Ogummaa yeroon kun barbaadu kana horachuuf carraa kanaan fayyadamaa!

🚀 AKKAATAA GALMEE:

Barnoota kana amma eegaluuf liinkii asii gadii kana tuqaa:
👇👇👇
https://fulbek.com/learn/video-editing-f9b9b1ef

ykn

Kallattiin karaa Telegram 👉 @Jonamiyet koodii barnoota (VER) nuuf ergaa.

barnooti kun @Abdii_Sabaa_University tiin isniif qophaa'e.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA @ABDII_SABAA
51,7000060
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

11 Eyl 2026 08:45

ODUU GADDAA: Qabsooftuu fi Weellistuu Gameettiin Oromoo Ilfinesh Qannoo Boqochuun Gabaafame Weellistuu, qabsooftuu fi haadha goototaa kan taate Aadde Ilfinesh Qannoo ganama har'aa lubbuun darbuun isaanii gabaafameera. Ilfinesh Qannoo aartii fi muuziqaa…
53,90000470
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

11 Eyl 2026 08:45

Photo
Hanqaaquun Gatii Qarshii 16'n Gabaaf Dhiyaate

Koomishiniin Qonnaan Bulaa fi Misooma Qonna Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, ayyaana Bara Haaraa dhufaa jiru sababeeffachuun, hanqaaquu miiliyoona 18 ta'u gabaa magaalattiif dhiyeessuu isaa ifoomseera. Akka ibsa koomishinichaa fi maddeen keenya himanitti, kutaalee magaalaa Finfinnee hunda keessatti hawaasni hanqaaquu tokko gatii qarshii 16 qofaan gabaa irraa bitachuu akka danda'u haalli mijaayee jira.

Hanqaaquun cinaattis, waldaalee fayyadamtootaa magaalattii keessatti argamaniin bu'aaleen aannanii fi meeshaaleen nyaataa adda addaas gatii madaalawaa ta'een dhiyaachaa jiru.

Haaluma kanaan, oomishaaleen akka dhadhaa kiiloo giraamiin tokko qarshii 900, aannan liitirri tokko qarshii 100, akkasumas aayibiin ykn baaduun kiiloo giraamiin tokko qarshii 500'n gurguramaa akka jiru ibsameera. Kunis qaala'iinsa jireenyaa yeroo ayyaanaa uumamu tasgabbeessuu keessatti gahee guddaa ni taphata jedhamee abdatama.

Dhiyeessiin oomishaalee kanaa kutaalee magaalaa kudha tokkan keessatti suuqiiwwan ykn wiirtuuwwan gabaa 170 ta'an irratti hawaasaaf kan dhiyaatu ta'uun eerameera. Jiraattonni fi fayyadamtoonni magaalattii iddoowwan gabaa kanneenitti argamuun oomishaalee qulqullina qaban gatii madaalawaa kanaan bitachuu akka danda'an yaadachiifameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA
65,80000574
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

11 Eyl 2026 08:45

Photo
Haati Lakkuu Ta'uun Dhalatte Tokko Yeroo Jalqabaatiif Daa'imman Shan Yeroo Tokkoon Nagaan Deesse

Naannoo Tigraay Godina Giddu-galeessaa, Aanaa Abarqalee ganda Simirat keessatti haati ofii isheetii lakkuu ta'uun dhalatte tokko daa'imman shan yeroo tokkoon nagaan da’uu ishee ogeeyyiin fayyaa ifoomsan. Haati kun Hoospitaala Jalqabaa Yachilaa keessatti daa'imman kana kan deesse yoo ta'u, isheenis lakkuu ta'uun akka dhalatte ragaan seenaa yaalaa ishee ni agarsiisa.

Ogeeyyiin hoospitaalichaa akka eeranitti, daa'imman shanan dhalatan keessaa afran isaanii sadarkaa guddina umrii garaa keessaa guutuu kan xumuratan yoo ta'u, daa'imni shanaffaan garuu ji'a shanaffaa booda guddinni isaa waan mudameef sadarkaa guddinaa osoo hin xumurin dhalachuu isaa himaniiru. Ogeeyyiin kunniin akka mirkaneessanitti, yeroo ammaa kana haati fi daa'imman shananis haala fayyaa gaarii irra kan jiran yoo ta'u, hordoffiin fayyaa barbaachisaa ta'es dhaabbaticha keessatti taasifamaafi jira.

Maddeen keenya ogeeyyoota fayyaa wabeeffachuun akka gabaasanitti, haati kun yeroo jalqabaatiif kan deesse yoo ta'u, daa'imman shanan kana haala gahaa ta'een kunuunsee guddifachuuf haalli jireenyaa fi galiin ishee madaalamaa waan hin taaneef deeggarsa namoomaa hatattamaa barbaaddi. Hawaasni bal'aanii fi qaamoleen tola ooltotaa adda addaa haadha kanaa fi daa'imman dhalatan kana gargaaruun gahee namoomaa isaanii akka bahanis waamichi dhiyaateera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA
61,40000492
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

11 Eyl 2026 08:45

Photo
🚀 FULBEK — Turn What You Know Into Income

🛍 Buy and sell products
🎓 Learn courses or sell your own course
💻 Sell digital products
🛠 Offer your skills and services
📣 Reach more customers and grow your business

Fulbek is where:
👉 Your knowledge becomes income
👉 Your skills find customers
👉 Your products reach more people
👉 Your business gets room to grow 🔥

Start today.

Whatever you know, create, sell, or offer, turn it into opportunity on Fulbek. 💚

🌐 http://Fulbek.com/

FULBEK — Everything you sell. One Fulbek. 🚀

Follow us on Telegram https://t.me/Fulbek
75,70000215
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

11 Eyl 2026 08:45

Photo
ODUU GADDAA: Qabsooftuu fi Weellistuu Gameettiin Oromoo Ilfinesh Qannoo Boqochuun Gabaafame

Weellistuu, qabsooftuu fi haadha goototaa kan taate Aadde Ilfinesh Qannoo ganama har'aa lubbuun darbuun isaanii gabaafameera.

Ilfinesh Qannoo aartii fi muuziqaa Oromoo guddisuu qofa osoo hin taane, sirboota ishee warraaqsaatiin sagalee sabaa ta'uun yeroo dheeraaf falmaa kan turan yoo ta'u, du'a isaaniitiin hawaasni Oromoo, dinqisiifattoonni ishee fi jaallattoonni aartii gadda cimaa keessa jiru.

Seenaan jireenyaa fi qabsoo Ilfinesh Qannoo aarsaa fi gidiraa guddaan kan guutamedha. Akka seenaan ibsuttiii fi ragaaleen agarsiisanitti, yeroo sirnoota mootummaa darban keessa sababa sagalee uummataa ta'uu isheef qofa dararaa suukkanneessaan maneen hidhaa keessatti irra ga'aa tureera. Keessattuu, qaruuraa caccabaan rifeensi mataa ishee haadamaa fi reebichi hamaa irra ga'aa akka ture yaadatamuu irra darbee seenaa qabsoo Oromoo keessatti akka fakkeenya obsaa fi kutannooti ka'a. Haa ta'u malee, miidhaan suukkanneessaan kun hundi onnee qabsoo ishee osoo hin cabsin, jireenya ishee guutuu saba isheef dhaabachuun dhaloota dammaqsaa har'a geesseetti.

Boqochuun weellistuu gameettii kanaa aartii fi seenaa hawaasichaatiif hir'ina guddaa kan uumu ta'us, hojiileen aartii ishee fi aarsaan isheen saba isheef oolte yoomiyyuu dhalootaan yaadatamaa akka jiraata.

Yeroo ammaa kanas, fuula miidiyaalee hawaasaa garaa garaa irratti namoonni, aartistootni fi uummanni bal'aan seenaa gootummaa ishee faarsaa, "haadha goototaa, lubbuun kee haa boqottu" jechuun gadda itti dhaga'ame ibsachaa jiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA
88,500001,947
ABDII SABAA logo
ABDII SABAA

11 Eyl 2026 08:45

Abidda Markaatootti mudateen walqabatee bakkichatti namooti argamtan nu qunnamaa 👉
81,30000194

Showing 30 of 81 posts

Derecelendirme

Giriş yapılması gerekli

Frequently Asked Questions

ABDII SABAA Telegram kanalı ne hakkında?+

ABDII SABAA (@abdii_sabaa), tgdio üzerinde Desi İçerikleri kategorisinde listelenen bir Telegram kanalıdır. Abone olmadan önce sıralama, puan, yorum ve gönderilere bakın. Şu an tgdio üzerinde yaklaşık 600.233 abonesi var.

ABDII SABAA (@abdii_sabaa) kanalına nasıl katılırım?+

tgdio üzerindeki kanal profilini açın, Join / Open in Telegram ile @abdii_sabaa abonesi olun.

ABDII SABAA iyi bir Desi İçerikleri kanalı mı?+

tgdio üzerinde katılmadan önce ABDII SABAA puanını, yorumlarını ve sıralamasını kontrol edin. Şu an tgdio üzerinde yaklaşık 600.233 abonesi var. Benzer Desi İçerikleri kanallarla karşılaştırın.

ABDII SABAA istatistiklerini nerede görürüm?+

tgdio üzerinde @abdii_sabaa sayfasını açın: abone istatistikleri, sıralama, puan ve gönderiler.